Birrii miliyoona 14 ijaaramaa kan ture Ijaarsi dabalataa mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Loogaa xumurame eebbifame.

64

Hagayya 21/2014(TOI) - Dhaabbanni gargaarsaa Giloobaal allaahansi mirga Itoophiyaanootaf jedhamu Waldaa misooma Affaar waliin ta'uun kan ijaarsise ijaarsi mana barnootaa waliigalaa sadarkaa 1ffaa Loogaa xumeramuun har'a eebbifame.

Sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni Giloobaal Allaahansiifi Waldaa Misooma Affaar, Hogganaa biroo barnootaa naannichaafi hawaasni naannawwa argamaniiru.

Mana barnootaa kana ijaaruuf baasiin birrii miliyoona 14 kan bahe yoo ta'u, gamoo 3 kutaa barnootaa 8 fi kutaa bulchiinsaa 6 of keessaa qabudhas jedhameera.

Ijaarsi isaas guyyoota 90 keessatti kan xumurame ta'uun himameera.

Ijaarsi daree dabalataa kun kanaan dura manni barnootichaa baratoota 700 keessummeessuu kan danda'u yoo ta'u amma gara 1000 ol guddisa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015