Korporeeshiniin misoomaa Paarkiiwwan Indastirii galii birrii biliyoona 1.2 argachuu beeksise.

64

Hagayya 19/2014(TOI) - Korporeeshiniin misoomaa Paarkiiwwan Indastirii bara bajataa 2014tti galii birrii biliyoona 1.2 argachuu beeksise. Kanaanis bu'aa birrii miliyoona 340 argachuu beeksiseera.

Hoji geggeessaan olaanaa Korporeeshinichaa obbo Saandook Ababee raawwii hojii bara 2014 ilaalchisuun ibsa har'a laataniin dureeyyooni paarkiiwwan Indaastirii keessaatti hojjechaa jiran oomishaalee alaatti ergan irraa galii doolaara miliyoona 196 argachuu himaniiru.

Raawwiin isaan bara darbe yeroo walfakkaataan yoo madaala harka 8 caalmaa qabaachuu himaniiru.Gabaa biyya keessaaf Oomishaalee tarsimoorratti hundaa'an oomishuun dhiibbaa sharafa alaa xiqqeessuuf hojjetamuus himaniiru.

Kanaanis oomishaalee doolaara miliyoona 161 baasan gabaa biyya keessaf dhiheessun oomishaalee biyya alaatii galan bakka buusuun akka danda'ame himaniiru.

Korporeeshiinichi bara bajataa 2014tti hojii hojjerraa galii birrii biliyoona 1.2 argachuufi kanaa keessaas bu'aa birrii miliyoona 340 argachuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015