Sosochii ''Itoophiyaa haa hoomishituun'' indastiriiwwan sababa adda addaan cufamanii turan akka banaman taasiseera.

97

Hagayya 19/2014(TO) - Sosochii ''Itoophiyaa yaa hoomishituun'' indastiriiwwan sababa adda addaan cufamanii turan 170 akka deebi'anii hojii jalqaban taasisuu Minsteerri Inadaastirii beeksise.

Ministeerichi magaalaa Hawaasaatti raawwii hojii bara 2014 fi karoora hojii bara 2015 irratti mari'achaa jira.

Marii kanarratti ministirri Indastirii Malaakuu Alabaal akka himaniitti, sosochiin Itoophiyaan haa oomishituu damee kanaan misoominni itti fufinsa qabuufi dorgomaa ta'e akka jiraatuuf carraa gaarii uumeera.

Sosochii ''Itoophiyaa haa hoomishituun'' indastiriiwwan sababa adda addaan cufamanii turan 170 gara hojiitti akka deebian taasisuun dinagdee biyyaarratti qooda isaanii akka bahan taasifameera jedhaniiru.

Kana milkeessuuf sadarkaa federaalaa irraa hanga gadiitti hogganis qindoominaa cimaan hojjechuus himaniiru.

Gama biroon barri kun bara oomisha ala ergii guddisuun akkasuma oomishaa alaa galaan biyya keessatti oomishuun bakka buusuun mikaa'inni guddaa itti argamedha jedhaniiru.

Hojiin carraa hojii uumuus akkasuma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015