Dhaabbanni biyya Morookoo Osipi Giruup jedhamu xaa'oo biyyoo toonii kuma 50 Itoophiyaaf deeggarsaan kenne.

118

Hagayya 18/2014(TOI) - Dhaabbanni biyya Morookoo Osipi Giruup jedhamu xaa'oo biyyoo yeroo bonaa oomisha Qamadii oomishamuuf oolu toonii kuma 50 Itoophiyaaf deeggarsaan kenne.

Deeggarsicha hoji geggeessan olaanaa Osipii Giruup doktar Mahaammad Aniwaar Jamaalii ministira Qonnaa FDRI obbo Umar Huseenitti dabarsanii kennaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti hoggantoonni Ministeera Qonnaa Itoophiyaafi Osipii Giruup argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015