Magaalattiitti paarkii indaastirii birrii biiliyoona 7.7 ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame

91

Hagayya 172014 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti lafaa hektaaraa 93rratti paarkii indaastirii maanufaakchaariingii giddugaleessa fi gadi aanaa birrii biiliyoona 7.7 ijaaruuf waliigalteen mallatteeffameera.

Waliigaltechis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Dhaabbata Ijaarsaa MCJTNT jedhamu gidduutti kan mallateeffame.

Sirna waliigaltee kanarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanch Abeebee akka ibsanitti, Magaala Finfinneef kan jalqabaa kan ta’e paarkii indaastirii giddugaleessa fi gadi aanaa lafa hektaaraa 93’rratti birrii biiliyoona 7.7 ijaaruuf waliigalteen mallatteeffameera.kun ammoo bulchiinsi magaalichaa damechaaf xiyyeeffannaa kennuu kan argisiisuudha jedhan.

Paarkichi qindeessa oomisha qonnaa, hojiilee sibiilaa fi mukkeenii, uffannaa fi huuccuuwwan, galteewwan ijaarsaa, bu’aalee pilaastikaa fi keemikaalaa fi qorichoonni kan keessatti oomishamaniidha jedhame.

Pirojektii kanas magaalichi baajata isaan kan ijaarsisu yoo ta’u, ce’umsa diinagdee mirkaneessuu, sharafa alaa hambisuu, carraa hojii uumuu, oomishaalee biyya keessaa oomishuuf gahee olaanaa akka qabu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Pirojektichi lammiilee kuma 18-20’f carraa hojii kan uumuu yoo ta’u, waggoota lama keessatti ijaarsisaa ni xumurama jedhameera.

Ijaarsi indaastirichaa, sheediiwwan darbii garaagaraa qaban 21 kan qabu, suuqiiwwan gurgurtaa oomishaa fi dhiyeessii galteewwanii 400 kan qabaatuudhas jedhamuu ragaan waajjira Kantiibaa magaalichaarra aragame ni mul'isa. @FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015