Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee torban tokkoof kan turu tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennuu jalqabsiise.

57

Hagayya 16/2014(TOI) - Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee magaalichaatti lammilee harka qaleenyiifi kanneen daandiirra jiraataniif torbaan tokkoof kan turu tajaajila yaala fayyaa fi qorannoo bilisaan kennuu ifaan jalqabisiiseera.

Yaala fayyaafi qorannoo tolaan kennamu kanatti jiraattoonni magaalichaa kuma 17 ta'an fayyadamoo akka ta'an himameera.

Hogganaan Biiroo Fayyaa magaalaa Finfinnee doktar Yohaannis Caalaa tajaajila kana Hospitaala yaaddannoo Zawudituutti argamuun yeroo jalqabisiisaan akka himaniitti, yaala fayyaafi qorannoo kana hawaasni dhaabbilee fayyaa adda addaatti akka argatu eeraniiru.

Sagantaa kana jalqabisiisuu irratti hoggantoonni mootummaa, ogeeyyiin fayyaa fi jiraattoonni argamaniiru.

Sadarkaa biyyaatti tajaajila yaala fayyaafi qorannoo bilisaa kana mata duree ''tola ooltummaa fayyaa keenyaaf'' jedhuun kutaalee hawaasaa adda addaaf Hagayyaa 16 -21/2014 kennuuf qophii taasisaa jiraachuu Ministeerri fayyaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015