Fawondeeshiniin Raayyaa Ittisa Biyyaa waliigaltee miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf mana jireenyaa ijaaruuf isa dandeessisu mallatteesse.

100

Hagayya 16/2014(TOI) - Fawondeeshiniin Raayyaa Ittisa Biyyaa miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf mana waliin jireenyaa ijaaruuf Dhaabbata ijaarsaa dhuunfaa ittigafatamummaan isaa murtaa'e 'Ovid' jedhamu waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltee kanas hojii geggeessaan olaanaa Fawondeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa mejer jeneraal Kumsaa Shaanqoo fi hoji geggeessaan 'Ovid' Yonaas Taddaasaa mallatteessaniiru.

Manneen waliin jireenyaa ijaarama abbaa kutaa cisiichaa 3 fi 4 yoo ta'u baatiiwwan 14 keessatti hojiin isaa kan xumuramu ta'uu sirna waliigaltee kanarratti himameera.

Gamoo abbaa darbii 7 irratti manneen 128 akkasuma abbaa darbii 9 irratti manneen 120 kan ijaaraman yoo ta'u manneen kun tekinolojii 'Kumkaanig Almuniyeem Formiwarki' jedhamuun kan ijaaramanidha jedhameera.

Waliigalaan manneen 248 kan ijaraman yoo ta'u birriin biliyoona 1.7 baasi ijaarsa manneen kana ijaaruf bahduas jedhameera.

Fawondeeshiin Raayyaa Ittisa Biyyaa waliigaltee har'a mallatteesse dabalatee Finfinnee, Hawaasaa, Adamaa, Bishooftuufi Bahaar Daritti manneen 2100 ol ijaarsisaa kan jiru ta'uun himameera.

Fawondeeshinichi kanaan duras manneen waliin jireenyaa ijaarsisuun miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa hedduuf dabarsee kenneera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015