Itoophiyaa fi Yuugaandaan biyyoonni yaa’a gadii sanada waliigaltee fayyadamummaa waloo Naayilii hin raggaasne akka raggaasan waamicha dhiyeessan.

71

Hagayya 14/2014(TOI) - Itoophiyaa fi Yuugaandaan biyyoonni yaa’a gadii sanada waliigaltee fayyadamummaa waloo Naayilii hin raggaasne akka raggaasan fi tumsichi seeraa akka qabaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’iin Ministiroota biyyoota yaa’a gadii Tanzaaniyaa Dareesalaamitti taa’ameera.

Waamicha kana kan dhiyeessan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa fi Ministira Bishaanii fi Eegumsa Naannoo Yuugaandaa Saam Chaaptooris ta’uu himameera.

Yaa’ichaanis biyyoonni yaa’a gadii hundi Ijibt malee walgargaaruun tokkummaan akka hojjetan waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015