Sudaanonni Hiriira Mormiif Ba’an Hariiroo Mana Maree Cehumsaa Waliin Qaban Addaan Kutan

47

Ebla 14/2011 Sudaanonni hiriira mormiif ba’an hariiroo mootummaa loltuu kan yeroo cehumsaa Omaar Albashiiriin aangoorraa buusee hundaa’e waliin qaban addaan kutuusaanii dubbataniiru.

Manni mare cehumsuchaa “harcaatota” bara Albashiir kan of keessatti qabate ta’uusaa kanneen hiriira ba’an qeeqaniiru.

Ummattoonni Sudaan kumaatamatti lakkaa’amanmana hojii olaanaa human loltuu biyyattii marsanii kan jiran yoo ta’u, manni marii cehumsaa siviilii aangoo fudhachuusaa amma ifa ta’utti eegaa jiru.

Humni loltuu Sudaan gamasaatiin aangoo kennuuf akka fedhu kan ibse yoo ta’u, manni marii cehumsaa loltuu fi siviilii wal ta’e hundaa’uu akka danda’u himameera.

Hiriira mormii qindeessaa kan jiru wldaan ogeessota Sudaan manni marii cehumsaa siviilii akka hundaa’u cimsee gaafachuunsaa ni yaadatama.

Waldaan ogeeyyotaa kun Sanbata darbe mana marii cehumsaa loltummaa waliin mari’achuunsaa eerameera.

Madda:’BBC’

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015