Ibsa Ejjennoo Hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waggaa 30ffaa ilaalchisee kenname

820

Hagayya 13/2014(TOI) - Ibsa Ejjennoo Hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waggaa 30ffaa ilaalchisee kenname

Mul’ata abbootii keenyaa galmaan ga’uun imala daandii badhaadhinaa eegalleerra!

Oromoon bilisoomee afaan isaan baratee dhaloota akka barsiisuuf, turjumaana malee afaan isaan falmee falmisiisuun haqa akka argatuuf, gootummaa isaan injifatee injifannoo isaa bakkatti akka eeggatuuf qaanqeen abbootiin keenya qabsiisan dhaloota har’aatiin finiinee giimee ta’ee, mula’anni abbootii keenyaas galma ga’e.

Sirnoota nama nyaataa kuffisuun ummata boqochiisuudha. Sana dhugoomsuuf abbootiin keenya waggoota hedduuf aarsaa itti kaffalaniiru. Waggaa soddomman har’aa dura jechi Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhu hin turre. Aarsaa qabsaa’onni Oromoo sabaafi sab lammoota biroo waliin qindomuun taasisaniin sirni ummata gidirsu kufe.

Mootummaa naannoo Oromiyaas Hagayya 13/1984 hundeeffame.

Boqonnaa qabsoo hunda keessatti bu’aa ba’iiwwan mudataniif harka osoo hin kennatiin injifannoo seenaan yaadatu heduus galmeessaa har’a ga’e.

Loogummaafi cunqursaa, dhabamsiisuuf ummata hiriirsee qabseessisuu daandiisaa kan godhate Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeeffama isaa irraa eegale daandii siyaasa injifannoo kalaquun injifannoo gama dinagdeefi barnootaa, siyaasaafi hawaasummaa har’a ummanni argate daandii qabsiisuufi hojjetee agarsiisuu keessatti qoodni qabsoo gumaache seenaa keessatti ol’aanaa dha.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf aarsaan lubbuu kaffalameera, dhiigni abbootii itti dhangala’ee, lafeen itti caccabeera. Qabsoon sun hunduu kan geggeeffame haala mijataa keessatti miti. Bara itti afaan Oromoo dubbachuun dhorkaa ta’e, bara teknoloojiin yaada ofii isbsachuun hin jirre, filannoon mirgaa hin jirreefi gidiraan heddumatetti ture.

Mula’anni barasii mirga afaan ofiin fayyadamuu, aadaa ofii dagaagfachuu, hiree nagaan jiraachuu argachuu ture.

sana argamsiisuuf aarsaan sun hundi kaffalame. Sana keessatti obsiifi abdiin qabsaa’otaa mula’ta dheeraan kuulame. Akkuma jeneraal Waaqoo Guutuu 'Diina hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna' jedhan gaafas aarsaa sana hunda kaffalan dhalootni egeree qabsoo isaan eegalan galmaan ga’u booddeen dhufaa akka jiru waan akeekaniif.

Eeyyee, aarsaan gootonni kaleessaa kaffalan kaffalan lafatti hin hafne. Obsiifi abdiin isaaniis dhugoomee dhaloonni qubee kan saayinsiifi teknoloojii barate injjifannoo dachaa galmeessee har’a Oromiyaaf biiftuu bilisummaa dhugaa baate.

Oromoon kaleessa afaan walii isaa hin dhageenye, har’a afaan isaa waalteffachuu bira darbee, afaan saayinsiifi teknoloojii taasifate, guddinni dinagdee dachaan galmaa’e, tokkummaan sabootaafi sab lammootaas adagaagee jaalalli dhugaanis mise.

Har’a Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummanni Oromoo kaasaa tureef deebii kennuun firii nyaatamuufi wabii abdatamu gumaache.

Gaaffiiwwan ofiin of bulchuu, aadaa, afaan, seenaafi duudhaa ofii guddifachuu deebi’uu isaaniitiin lammiin dammaqee mirgaafi faayidaa isaa kabachiifatu akka uumamu ta'e.

Addunyaa irraa biyyoonni sadarkaa guddinaa irra ga’an hedduun qormaatota keessa darbaniifi godaannisa yaadatamu hedduu, haalaafi akka itti injifatanis ta’e bakka har’a ga’an seenaa agarsiisus galmeessaniiru. Biyyiifi naannoon keenyas sanaan adda miti.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa kreessatti fedhiifi gaaffii ummataa dhaggeeffachuun madda hanqinootaa sakatta’uufi sirreessaa deemuun aadeffatameera.

Har’a hundeeffama waggaa 30ffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaafa ibsinu, seenaa badaa kaleessaa laaleffachaafi godaannisa hooqqachaa osoo hin taane, badhaadhina biyyi keenya gama dinagdeen, siyaasaafi hawaasummaan eegalte akka milkaa’uuf halkaniifi guyyaa hojjechaa, miira obbolummaan dhaabachaa ilaafi Ilaameen, wal hubannaafi wal dhaggeeffannaan siyaasa ammayyaa geggeessaa bu’aafi fayyadama ummata keenyaaf hojjechaati.

Har’a ummanni keenya mirga abbaa biyyummaa isaa labsatee ofiin of bulchaa, daandii dinagdee saaqameef irraan badhaadhina maatiifi biyyaaf hojjechaa tokkummaa cimaan injifannoo isaa eeggachaa qabsoo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ammayyaa’e geggeessaa jira.

Injifannoo wareegamaan argame sirnaan kunuunfachaa waan hafeefi argachuu mallu ammoo kara ammayyaa’een argachuuf hojjechuun bu’ura milkaa’ina qabsooti.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Imala qabsoo keessatti qormaatilee keessummeessaa dhuferraa barnoota hedduu argateera. Boqonnaawwan qabsoo hunda keessatti danqaawwan adda addaa quunnaman tarsiimoodhaan injifachuuni ammoo duudhaa isaati.

Har’as qormaatota imala badhaadhinaa gufachiisuuf aggaamaman hedduutu jiru. Rakkoon nageenyaafi tasgabbii dhabuu akka biyyaafi naannootti jiru danqaawwan gurguddoo jiran keessaa isaan ijoo ta'ans sanas maksuuf hojjetamaa jira.

Danqaan sun gama tokkoon jijjiirama akka malutti hubachuufi itti fayyadamuu dhabuurraa, gama biraatiin ammoo humnoota faallaa jijjiiramaa fedhii diigumsaa qaban kanneen tasgabbii dhabamsiisuu qabaniin kan uumaman ta'anis, sana tarsiimoodhaan masakamuun dadhabsiisaa hirmaannaa ummataa cimsuun injifannoo gama hundaan galmaa'aa jiru itti fufsiisuudha.

Xumurarrattis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa sagalee ummataan aangoo argatee jijjiiramaa qabatamaa galmeessisaa jiru itti fufuun gaaffii ummataa deebii hin argatin jiraniifi deebi’uu qabu hunda sakatta’ee deebisuuf cimee hojjeta.

Rakkoowwan gama nageenyaatiin mul’atan hirmaannaa ummata bal’aatiin hiikuun Oromiyaa qe’ee nageenyaafi misoomni itti dagaage taasisuuf ni hojjeta.

Hirmaannaa ummata keenyaan Oromiyaa dirree badhaadhunni maatiifi biyyaa itti dhugoomu ni taasifna!
Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa
Hagayya 13/2014
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015