Finfinnee magaalaa qulqulluufi jireenyaaf mijattuu taate taasisuuf hirmaannan hunda keenyaa cimee itti fufuu qaba

81

Hagayya 12/2014(TOI) - Finfinnee magaalaa qulqulluufi jireenyaaf mijattuu taate taasisuuf hirmaannan hunda keenyaa cimee itti fufuu qaba jedhan Hoggantuun Biiroo aadaafi Turizimii Magaalaa Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaa.

Har'a Finfinnee kutaa magaalaa hundatti "Ashaaraa keenya dhaloota keenyaaf'' mata duree jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuun miliyoonni 4 dhaabsmeera.

Dr.Hiruut Kaasaa kutaa magaalaa Booleetti sagantaa kanaan biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin sagantaan ashaaraa magariisaa biyya fooyyee qabdu dhaloota dhaalchisuuf kan gargaarudha.

Kanaaf Finfinnee, miidhagduu,Qulqulluufi jireenyaaf mijattuu kan taate taasisuuf biqiltuu dhaabuu cinaatti biqiltuu dhaabame kununsuufis xiyyeeffannoo kennamuu qaba jedhaniiru.

Hojiin ashaaraa magariisaa bakka hundaatti hojjetamu Itoophiyaa kuusaa bishaanii taatee akka itti fuftuuf gahee olaanaa qabaachuus himaniiru.

Kunis hojii fakkeenyumaa qabu kan biyya keenya bira darbee ardii keenyaaf bu'aa guddaa buusudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015