Naannoon 12ffaa akka hundaa’uuf murtoon ummataa akka gaggeeffamu murtaa’e.

64

Hagayya 12/2014(TOI) - Naannoon 12ffaa akka hundaa’uuf murtoon ummataa akka gaggeeffamu murtaa’e.

Manni Maree Federeeshinii Yaa’ii ariifachiisaa taa’een Naannoon 12ffaa akka hundaa’uuf kan dandeessisu murtoon ummataa akka gaggeeffamu murteesseera.

Manni marichi godinoota 6 fi aanota 5 Nananoo Saboota Sablammootaa fi Uummattoota Kibbaa jala turan Naannoo tokko jalatti akka gurmaa’an yaada murtoo darbe fudhachuun murtoon uummataa akka gaggeeffamu murteesseera.

Murtoo uummataa kan gaggeessan Godina Walaayittaa, Gaamoo Goofaa, Oomoo kibbaa, Geede’oo, Koonsoo fi aanaaleen addaa Daraashee, Amaaroo, Burjii, Allee fi Baaskeettoon naannoo tokko ta’uuf gaaffii dhiyaassaniif murtoon uummataa akka gaggeeffamu manni marichaa murtoo dabarseera.

Kan hafana Godinni Hadiyyaa Hoosaa’iinaa, Halaabaa, Kambaataa Xanbaaroo, Guraagee, Silxee fi aanaan addaa Yeem immoo Naannoo duraan akka itti fufan himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015