Buqqaatonni gara qe'ee isaaniitti yeroo deebi'an deeggarsi adda adda akka taasifamuuf himame

58

Finfinnee Ebla 14/2011 Mootummaan Naannoo Oromiyaa mootummaa Federaalaa waliin ta'uun buqqaatonni naannicha keessa jiran gara qe’ee isaaniitti yeroo deebi'an deeggarsa adda addaa taasisuuf karoorfachuu isaa ibsameera.

Obbo Admaasuu Daamxoo kana kan himan kaleessa ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf kennan irratti dha.

Hoogganaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo akka himanitti, buqqaatonni naannicha keessa jiran gara qe'ee isaaniitti deebisuuf hojiin mana ijaaruu, suphuu fi haala mijeesuun xumuramee jira jedhaniiru.

Buqqaatonni kunneen yeroo gara mana isaaniitti deebi'anis hojii qonnaa isaaniitti hatattamaan akka galaniif Sanyii midhaan gosa adda addaa dhiyeessuuf haal dureen xumuramuu isaa himaniiru.

Dabalataanis ummanni kunneen gara qe'ee isaaniitti yeroo galan hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya ummataa eegsisuus haal dureen xumuramuu isaa himaniiru.

Gara fuula duraattis rakkoon akka kanaa ummata irra akka hin qaqqabneef hojii seera kabachiisuu ummata waliin ta'uun mootummaan Oromiyaa fi Federaalaa qophii ga'aa taasisuu isaa obbo Admaasuun dhaamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa mootummaa Federaalaa waliin ta'uun buqqaatonni naannicha keessa jiran gara qe’ee isaaniitti yeroo deebi'an deeggarsa adda addaa taasisuuf karoorfachuu isaa ibseera.

Ummanni naannoo Oromiyaas naannolee ollaa jiran waliin nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuu fi waliin misoomanii akka dagaaganiif naannolee ollaa waliin hojiin nagaa eegsisuu fi bu'uraalee misoomaa guutuu calqabuu isaa ibsa kana irratti himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015