Daangaan bulchiinsaa Godina addaa Oromiyaa naannawwaa fi magaalaa Finfinnee ifoome.

131

Hagayya 11/2014(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee Daangaan bulchiinsaa Godina addaa Oromiyaa naannawwaa fi magaalaa Finfinnee ifoomsa.

Ibsi aadde Adaanech Abeebee dhimma kana ilaalchisuun karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii laataan guutuun kan armaan gadiiti.Guyyaan har'aa guyyaa seenaa qabeessaa fi addaati!

Ajandaan walitti bu'iinsaa kan itti maseene, Hubannoo fi wal ta'iinsi Ummattootaa kan itti injifateedha.

Hunda dura jalqabsiisee kan nuxumurchisiise waaqni yaagalatoomu!

Kunoo barootaaf deebiin osoo itti hin kennamin gangalachaa kan tureefi gaafii ummataa ta'ee hedduun kan aarsaa itti kanfalaa kan ture dhimma daangaa Magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee jidduu ture miira itti gaafatamummaa cimaadhaan,tattaaffii fi kutannoodhaan Ummata keenyaa waliin irratti mari'achaa fi hojjachaa turree har'a waltajjii walootiin milkaa'inaan xumuruu danda'uu keenyaaf gammachuun keenya daangaa hin qabu.

Koreen waliinii hundeeffamuun turtii waggoottan 7 gadi hintaaneef irratti hojjatamaa kan turee fi waggaa darbe irraa eegalee sadarkaa hoggansaatti irratti mari'achaa kan turre dhimma daangaa bulchiinsaa bu'uura heera biyyattii fi chaartara Magaalaa Finfinneetiin qaamolii bulchiinsa lamaaniitiin nifuramu jechuun haaluma teechisuun har'atti walii galteerra gahuun keenya dhugumattuu seenaa qabeessa isa taasisa.

Daangaa bulchiinsaa kanaan kan hojjanne dallaa miti. Ummattoota jidduutti dallaa ijaaruu hin dandeenyu. Inumaayyuu bu'uura cimaa irratti kan ijaarame tokkummaa fi walta'iinsa Ummattootaa kan mirkaneessuudha.Kan taasisaa jirrus misooma saffisiisuufi bulchiinsa gaarii lafa qabsqabsiisuuf kan nuuf ta'u hojii daangaa bulchiinsaa bifa qabsiisuuti.

Durattis ummata jaalalaan walitti hidhame, walta'iinsaa fi waliif yaaduun tolfame waan ta'eef fanjii walitti bu'iinsaa awwaalameef yaadama dhalootaa shalootatti cehuu fi bilchaataa ta'een maseensuun imala gara badhaadhinaatti taasisu cimsee itti fufuu akka barbaadu sirritti mirkaneesseera.

Murtoo seenaa qabeessa kanaan Oromiyaanis Finfinneenis wayita bulchanitti iddoo ture akka itti fufu kan waliif galle yoota'u, manneen waliinii godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee keessa galuun fageenyarraa magaalaa finfinneetiin ijaaraman; fakkeenyaaf koyyee faccee, gamusa tulluu diimtuu, jamoo lakkoofsa lamatti kan argaman gara godina addaa Oromiyaatti kan daangessine yoota'u, Oromiyaan kan ijaarame manneen waliin jireenyaa naannawaa labuu, Furii irraa hanga haannaa fi manneen waliinii Oromiyaa dabalatee hanga laga qarsaatti kan argamu gara bulchiinsa magaalaa Finfinnee akka daangeeffaman walii galteerra gahameera.Kanaan alatti hundinuu bakkuma jirutti akka bulchu walii galtee seenaa qabeessarra gahuu keenyaaf itti boonneerra. Daangaan bulchiinsaa dallaa miti. Ummattoota jidduutti dallaa ijaaruu hin dandeenyu.

Murtee seenaa qabeessaa fi baraa baratti cehuu danda'au kana galma akka gahuuf qoodni hunda keenyaa sirritti barbaachusaadha.Naannolee daangaan bulchiinsaa kuni tuqu hundatti፦-

Naannolee kanatti tajaajilli mootummaa kamuu addaan hin citu.- Hojiiwwan kenniinsa tajaajilaa fu dhimmoota nageenyaa qaamolee lachaniinuu bufa cimeen waliin hojjatamu.

- Pirojaktoonni adeemsa ijaarsaa irra jiran hin dhaabbatan, inumaayyuu bifa saffisaan xumuramaniin hordoffii addaatu taasifamaafu.

- Adeemsi kenniinsa barnootaa fi dhimmi afaanii barattootaa akkuma turanitti itti fufu.

- Tajaajila mootummaa kennaman irratti afaan dhiibbaa kamuu akka hintaasusne nitaasifama.

-Manneen jireenya waliinii kana gara Godina Addaa Oromiyaatti kan daangesssine ta'ullee; fayyadamtoonni carraan baheef jiraattotuma Finfinnee ta'u. Manneen jireenya waliinii Oromiyaas gara Finfinneetti kan daangessine ta'ullee fayyadamtoonni carraan baheefii itti fayyadamaa jiran hojjettoonna Oromiyaa ta'u.

Dhumarratti milkaa'insa hojii kanaatiif daandii dheeraa qorannoo irraa eegalee qooda keessan kan bahattan Mootummaa federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, fi Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hoggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaa sadarkaan jirtan galata guddaan dhiheessuu barbaada.

Akkasumas Ummanni Magaalaa finfinnee fi godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfunnee hundi marii sadrkaa sadarkaan taasidame irraa eegalee shoora bilchinaa fi tasgabbiin guutame taphattaniif galata onneekoorraan isiniif dhiheessuu barbaada!Injifannoo seenaa qabeessa kanaan kan nugahe uumaan keenya kan galatoome yaata'u!!

Waaqni Itiyoophiyaa fi Ummatashee baay'isee yaa eebbisu!!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015