''Itoophiyaan beekumsaafi tekinolojii haleellaa saayiberii ittisuu danda'u horateetti.''

97

Hagayya 10/2014(TOI) - Itoophiyaan beekumsaafi tekinolojii haleellaa saayiberii ittisuu danda'u horachuu ishee bulchiinsi nageenyaa odeeffannoo beeksise.

Dareektarri olaanaa bulchiinsa Nageenyaa Odeeffaanno Salamoon Sookaa TOItti akka himanitti, Bulchiinsichi bu'uraalee misoomaa Odeeffannoofi tekinolojii Itoophiyaa haleellaa saayiberiirraa ittisuun nageenyaa biyyaa eegsisaa jira.

Sadarkaa addunyaatti haleellaan saayiberiirratti taasifamu yeroo gara yerootti dabalaa akka jiru himanii, bara 2013 qofaa haleellaan Saayibeerii 2800 Itoophiyaarratti kan aggamamee yoo ta'u bara bajataa 2014 immoo dachaa sadiin kan kana caaluu yaaliin taasifameera jedhaniiru.

Haleellaa kana qolachuun Itoophiyaa Itoophiyaan haleellaa saayiberii isheerratti agamamu qolachuuf beekumsaafi tekinolojii horachuu kan agarsiisuu ta'uu himanii caalaatti kana cimsuun humana ofirraa qolachuu ishee ni cimsitis jedhaniiru.

Bara bajataa 2014 haleellaan saayiberii 8885 Itoophiyaarratti kan aggamamee yoo ta'u kana keessaa harka 97 qolachuun danda'amuu himaniiru.

Amalaa saayibeerii keessaatti haleellaan eessaa akka nama mudatu waan guutummaatti hin beekamneef haleellaa kana qolachuuf kanatu amansiisaadha waanni jedhamus waan hin jirreef caalaatti humana isaa cimsuun haalleella yaalamu kamiyyuu qolachuuf bulchiinsichi ni hojjeta jedhaniiru.

Haga ammaatti haleellaa Saayiberii irratti yaalamaa jiruun yoo madaalamu Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti 68 jirti. Kun immoo kan ammaa caalaa qophii taasisuu akka qabdu kan akeekudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015