Mariin haala dameewwan waltahiinsa Itiyoo-Chaayinaa babal’isuun danda’amurratti mari’atame.

64

Hagayya 10/2014(TOI) - Mariin haala dameewwan waltahiinsa Itiyoo-Chaayinaa babal’isuun danda’amurratti mari’atame.

Chaayinaatti, Ambaasaadarri Aanga’aa Guutuu Itiyoophiyaa Tashoomaa Toogaa, Kaaba Chaayinaatti, Kutaa biyyatti Heeyloonjiiyaangi daawwannaa hojii taasisaniiru.

Dameewwan waltahiinsaa daldalaafi Invastimanti, hariiroo uummataa, naannoo, dhaabbilee barnoota olaanoofi magaalootaa, carraa barnootaa bilisaafi kanneen biroo irratti hariiroo Itiyoophiyaafi Kutaa biyyatti Heeyloonjiyaangi waliin caalaatti walitti hidhuun itti fufsiisuuf daawwannaa bu’uura kan kaa’e, milkaa’aa ture taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan, Bulchaa Itti aanaa Heeyloonjiyaangi Waangi Yiin, Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Harbiin Guuzu Shinam, Daareektara Jeneeraal Biiroo Dhimma Alaa Wuuyaa Wiingifi hoggantoota olaanoo waliin walarguun dhimmoota waloo irratti mari’ataniiru jechuun OBN Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa wabeeffatee gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015