TOI fi OVD giruup waliin hojjechuuf waliigaltee mallattessan.

63

Hagayya 10/2014(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaafi OVD Giruup waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltee kanas hoji geggeessaa olaanaa TOI obbo Saayifaa Darribee fi hoji geggeessaa OVD Giruup obbo Yonaas Taaddasee mallatteessaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa OVD giruup obbo Yanaas Taaddasaa kubbaaniyaan isaanii Itoophiyaatti hojii investimantii adda addaarratti hirmaachaa jira.

Keessattiyyuu damee ijaarsaa keessatti tekinolojiiwwan haaraa adda addaa beeksisuun yeroo gabaabaa keessatti hojii milkaa'aa hojjeteera.

Korporeeshinii manneen Federaalaa waliin ta'uun baatii 18 keessatti manneen jireenyaa ammaayya ta'an hojjetee fayadamtootaan gahuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetiifis gamoo manneen jireenyaa 200 qaban 4 ji'a sadi keessatti hojjetee xumuruu himaniiru.Hojiiwwaan hojjetu kanaafis OVD giruup haga ammaatti hojii beeksisaa hojjetee hin beeku jedhaniiru.

Gara fuula duraatti garuu dhaabbaticha beeksisuufi hojiiwwan inni hojjete uummata bira akka gahuuf TOI hojii kana hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu himaniiru.

Kanaafis hojiin dokumatarii dhaabbatichi hojii akkamii akka hojjete agarsiisuu TOI hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa TOI obbo Saafaa Dirribee hojii kubbaniyaan OVD giruup damee ijaarsaarratti hojjetaa jiru gaarii ta'uu himaniiru.

Hojiiwwan dhaabbatichi hojjetuu uumataan gahuuf TOI akkataa walii galteen kan hojjetu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015