Damee Hojiifi Ogummaa hirmaannaa hundaa barbaada- Aadde Muufariyaat Kaamiil

71

Finfinnee, Hagayya 10/2014( TOI) - Dameen Hojiifi Ogummaa damee carraafi rakkoolee hedduu qabu akkasumas hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu ta’uu Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamiil ibsan.

Yaa’iin hojii biyyaalessaa 2ffaan mata duree “Hojii waaraa abdii boriif” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Bara baajataa 2014tti tajaajila giddugala tokkoo kuma 2 fi 58 sadarkaan adda baasuuf karoorfamee giddugaloonni kumni 1 fi 847 adda ba’uun guyyaa har’aa beekamtiifi badhaasni laatameeraafi.

Ministirichi baatiiwwan darban yaadota daldalaa viidiyoo daqiiqaa sadii hin caallee 260 fudhachuun hojii adda baasuu hojjechaa turuu yaadachiifameera.

Kanneen keessaa sadii adda bahuun waltajjicharratti beekamtiifi badhaasa argataniiru.

Sagantichi damichaan warreen hojii olaanoo galmeessan kan hafaniif kaka’umsa kan uuman ta’uu Aadde Muufariyaat ibsaniiru.Waltajjichi dadhabbiin keessan warreen kaaniif fakkeenya akka ta’uuf kan qophaa’edha jedhaniiru.

Damichi hirmaannaa hundaa kan barbaadu ta’uu eeruun, hojiimaatilee haaraa hirmaannaa dhaabbilee dhuunfaa dabalataafi haaraa mirkaneessan hojiirra oolchuuf haalli mijataan bara itti uumame ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015