Bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa hawaasummaafi dinagdee jiraatoota mirkaneessaan hojjetamaniiru.

75

Hagayya 9/2014(TOI) - Bara bajataa darbe bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa hawaasummaafi dinagdee jiraatoota magaalota biyyaatti mirkaneessaan hojjetamaniiru ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii himan.

Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa hoggantoota mootummaa federaalaa, hoggansaafi kantiibota magaalaa akkasumas qaamolee dhimmamtootaa waliin raawwii karoora bara 2014fi karoora sektaraa bara 2015 irratti marii gaggeesseera.

ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii sirna banisaa marii kanaarratti akka dubbtanitti bara bajataa darbe rifoormii dhaabbileefi jijjiramaarratti xiyyeeffachuun haala hojiif mijataa uumuun danda'ameera.

Keessaattiyyuu magaaloota sababa waraanaan miidhamanitti bu'uuraalee misoomaa deebisanii hojii jalqabsiisuu, naannolee haala maluun deeggaruurratti hojiin fooyyee qabu hojjetameera jedhaniiru.

Bara darbe kana bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa hawaasummaafi dinagdee jiraatoota magaalota biyyaatti mirkaneessaan hojjetamaniiru ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii himaniiru.

Magaalootatti hojiin lammilee jireenya baay'ee gad aanaa keessa jiraatan sagantaa seeftineettiin ijaaruun akka isaan hojjetanii galii argatan taasisuu danda'amuu himaniiru.

Rakkoo mana jireenyaa jiraatoota magaalaa furuuf sagntaawwan misooma manneen jireenyaa jiran sakata'uun foyyeessuun kanneen misooma ijaarsa manneen jireenyaarratti hirmaachuu barbaadan bal'inaan akka irratti hirmaatan tarsimoon qopha'ee mootummaaf dhihaachuus himaniiru.

Bara baajatichaatti damee indaastirii ijaarsaa dorgomaa taasisuuf hojiin deeggarsaafi hordoffii taasifamuus himaniiru.

Dabalataanis magaalota hunda waliin ta’uun lammiilee waraanaafi rakkoo nageenyaan miidhamaniif deeggarsa garaagaraa taasisuu, sagantaa ashaaraa magariisaa hojiirra oolchuu, filannoowwan ijaarsa manneenii garaagaraa dhiyeessuun magaalonni galiisaanii akka guddisaniif hojiilee hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015