"Zooniin daldala bilisaa adeemsa daldalaa ariifachiisuun oomishitummaa Itoophiyaa caalaatti ni cimsa."

109

Hayya 8/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Zooniin daldala bilisaa adeemsa daldalaa ariifachiisuun oomishitummaa Itoophiyaa caalaatti akka cimu ni taasisa jedhan.

Paarkiin Indastirii Zoonii daldala bilisaa Dirree Dawaa har'a bakka Doktar Abiyyi dabalatee, Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoofi aanga'oonni olaanoo Mootummaa Federaalaafi keessummoonni garagaraa argamanitti eebbifameera.

Zooniin daldala bilisaa daldala ala ergiifi alaa galchii ariifachiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad sirna kanarratti himaniiru.

Zooniin daldala bilisaa kun badhaadhina egeree Itoophiyaa mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhaniiru

Dureeyyoonni Zoonii daldala bilisaa Dirree Dhawaa kanarratti hirmaachuun ofiifi biyya isaanii fayyadamoo taasisuu qabu jedhaniiru.

Zooniin daldala bilisaa guddinaa oomishaa damee qonnaan argamaa jiruuf haala gabaa mijataa uumuuf kan gargaaru ta'uu eeruun,Itoophiyaanoonni biyya badhaate uumuuf hojii hojjetamuu jalqabamee akka utubaan waamicha taasisaniiru.

Kantiibaa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Jawaar Kadir gama isaaniin jijjirama sadarkaa biyyaatti dhufe hordofuun Dirre Dhawaa fi naannawwaa ishee koriidarii dinagdee taasisuf hojiin hedduun hojjetameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015