Gosoota Ispoortii Itoophiyaa addunyaaratti maqaan ishee akka ol ka'u taasisaa jiran keessa atileetiksiin kan dursaati

619

Hayya 7/2014(TOI) - Gosoota Ispoortii Itoophiyaa addunyaaratti maqaan ishee akka ol ka'u taasisaa jiran keessa atileetiksiin kan dursaa ta'uu dursituun jila atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa atileetikisii addunyaa umurii 20 gadii Kolombiyaa Kaalitti geggeeffamee Atileet Massaleech Malkaamuu himan.

Jila garee Atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 19ffaa umurii waggaa 20 gadiin qabxii olaanaa galmeessee gara biyyaatti deebi'eef sagantaan badhaasaa fi beekamtii kennuu Hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Af - yaa’iin Mana Maree Federaashinii obbo Agganyaw Tashaagar, Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluufi hogganoonni olaanoon federeeshinichaafi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Sirna kanarratti haasaa kan taasiste atileet Massalech Malkaamuu Atileetoota Itoophiyaa faajjiin Itoophiyaa akka mirmirfamuu taasisaniif galata guddatu mala jetteetti.

Gosoota Ispoortii Itoophiyaa addunyaaratti maqaan ishee akka ol ka'u taasisaa jiran keessa atileetiksiin kan dursaatis jetteetti.

Itoophiyaan dorgommii muraasaan kan hirmaatte ta'uus qabxiin Itoophiyaan galmeesite olaanaa ta'uus himteetti.

Injiffannoo kanaafis Atileettoonni waan leenji'an hojjirra oolchuu keessatti gumaacha guddaa waan godhaniif galatatu malaaf jetteetti.

Shaampiyoonaa kanarratti atileetoonni lafaa dhofoon hedduun horatamaa jirachuu waantoonni akeekaan waan jiraniif caalaatti cimee itti fufuu akka qabus dhaamteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015