Sagantaan Jila garee Atileetiksii Itoophiyaaf beekamtii laachuu geggeeffama jira.

99

Hagayya 7,2014 (TOI)- Jila garee Atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 19ffaa umurii waggaa 20 gadiin qabxii olaanaa galmeessee gara biyyaatti deebi'eef sagantaan badhaasaa fi beekamtii kennuu Hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Af - yaa’iin Mana Maree Federaashinii obbo Agganyaw Tashaagar, Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluufi hogganoonni olaanoon federeeshinichaafi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti gaggeeffameen gareen Atileetiksii Itoophiyaa warqee 6, meetii 5 fi nahaasa 1 waliigala meedaaliyaa 12 argamsiisuun Ameerikaa fi Jaamaayikaatti aanuun sadarkaa 3ffaan xumureera.

Jilichi kaleessa galgala gara biyyaatti kan deebi’e yoo ta’u, har’a ganama sa’atii 1:30 irraa kaasee daandiiwwan ijoo magaala Finfinnee keessa naanna’uun simannaan taasifameefira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015