Sirni Tarbaayina 2ffaa Hidha haaromsaa guddichaa anniisaa maddisiisuu eegalchiisuu gaggeeffamaa jira

80

Hagayya 5/2014 (TOI) – Sirni Tarbaayina 2ffaa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa anniisaa maddisiisuu eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.

Sirna kanarratti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa biroofi keessummoonni waamichi taasisameef argamaniiru.

Guyyaa har’aa yuunitoota jiran keessaa yuunitii 9ffaan anniisaa meegaa waatii 270 maddisiisuun ni eegala.

Tarbaayinootaa hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa qabu 13 keessaa tarbaayiniin jalqabaa bitootessa 13/2014 anniisaa maddisiisuu jalqabuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015