Manni Maree Naannoo Uummatoota Kibba lixa Itoophiyaa labsiiwwaniifi muudamoota addaa addaa raggaasisuun yaa'ii isaa xumure.

55

Hagayya 5/2014(TOI) - Manni Maree Naannoo Uummatoota Kibba lixa Itoophiyaa yaa'ii isaa idilee waggaa 1ffaa yeroo 2ffaa marsaa 6ffaa guyyoota lamaaf taa'aa ture labsiiwwaniifi muudamoota addaa addaa raggaasisuun yaa'ii isaa xumure.

Koree dhaabbii mana marichaa 5 muudaf dhihaate sagalee guutuun raggaasiseera.

Haaluma walfakkatuun abbootii seeraa naannichaa 8 akkasuma akkasuma muudama kaadhimamtoota abbootii seeraa aanaaleefi bulchiinsa magaaloota adda addaaf dhihaatan 22 raggaasiseera.

Abbootiin seeraa muudaman kun kannee abbootii seeraa federaalaan yaanni irratti laatame, qophii barnootaafi naamusa bu'uura godhachuun kan dhihaatan ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015