Buqqaatota Naannoo Oromiyaa Keessa Jiran Hunda Gara Qe'ee Isaaniitti Deebisuuf Haal Dureen Xumuramuun ibsame

78

Finfinnee ebla 14/2011 Mootummaan Naannoo Oroiyaa Kamisa dhufuu jalqabee buqqaatota naannicha keessa jiran qe'ee isaaniitti deebisuu akka jalqabu hoogganaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo himan.

Obbo Admaasuu Daamxoo kana kan himan har'a tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ibsa kennan irrattidha.

Buqqaatonni kunneen qe'ee isaaniitti akkuma deebi'aniin hojii qonna gannaatiif qophii ni eegalu jedhaniiru obbo Admaasuun.

Akka ibsa kanaatti naannoo Oromiya keessa buqqaatota bakka gara garaatii buqqa'an hedduutu jiru.

Keessumaa godinoota Wallaggaa bahaa, Wallagga lixaa fi naannoo Beeniishaangul Gumuuz irraa Oromoon kuma 100 ol qe'ee isaaniirraa buqqa'uu isaanii himaniiru.

Hojii Mootummaa Oromiyaa fi mootummaa federaalaatiin hojjetameen naannawa kanarraa buqqaatonni buqqaatonni kuma 50 ol qe'ee isaaniitti deebi'uusaanii obbo Admaasuun ibsaniiru.

Buqqaatonni qe'ee isaaniitti wayita deebi'an rakkoon akka irra hin geenye hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu naannolee ollaa Oromiyaa jiran waliin mari'achuun nageenyi amansiisaan akka mirkanaa'u walii galteerra ga'amuu isaas beeksisaniiru.

Dabalataanis buqqaatota godina Gujii fi Geedi'oo irraa buqqa'aniifis gargaarsi yeroo addaddaatti mootummaa federaalaatiin taasifamaa turuu isaa eeranii, isaanis kamisa dhufurraa kaasee gara naannawa isaaniitti akka deebi'an hojiin haal duree xumuramuu isaa ibsaniiru.

Kana boodas ummanni naannawa isaarratti tasgabbaa'ee jiruu isaa akka gaggeessu  hojiin hojjetamuusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015