Manni maree Naannnoo Kibba lixa Itoophiyaa bor yaa'ii idileesa ni geeggeffata.

70

Hagayya 2/2014(TOI) - Manni maree naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa bor yaa'ii marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa, yaa'ii idilee 2ffaa magaalaa Boongaatti akka geggeeffatu Afa yaa'iin mana marichaa obbo Wandummuu Kurtaa jimaniiru.

Yaa'ii kanaafis qophiin dursaa haala gaariin taasifamuu himaniiru.Yaa'iin kanaan gabaasa raawwii hojii bara 2014 mana marichaa, Hojiiraawwachiiftuu, Mana murtii waliigalaafi wajjira muummee oditaraa fi karoorri hojii bara 2015 dhihaatee mariin irratti ni taasifama.

Akkasumas wixinee bajata karooraa hojii bara 2015'f qopha'erratti mari'achuun ni raggaasisa jedhamee akka eeggamus himaniiru.

Labsiiwwan adda addaa fi mudamnii garaagaraa dhihaachun ni raggaasifamus jedhamee eeggama jedhaniiru.

Haga yaa'iin kun jalqabee xumuramutti jiraattoonni magaalaa Boongaas haaluma kanaan dura barameen keessummoota gara magaalichaa dhufan haala gaariin simatanii akka keessummeessan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015