Yaa’aballootti meeshaan seeran alaa birri miliyoona 4 olitti tilmaamamu qabame

55

Yaa'aballootti meeshaan seeraan ala fe'amee deemaa ture tilmaamni isaa birrii miiliyoona 4 ol ta'e to'annaa jala ooluu isaa qindeessaan buufata to’annaa galii fi gumuruukaa Yaa'aballoo beeksise.

Qindeessichi Inispeektar Alamuu Yimar akka tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ibsanitti, meeshaan seeraan alaa kun kan qabame kaleessa Godina Booranaa gandaa Diddaa Yaa'aballootti eeruu ummataan qabame.

Meeshaalee qabaman kanneen keessaas Televijinii 54, Gommaa Konkolaataa garaa garaa fi Qorichoonni adda addaas keessatti argamu.

Meeshaan Mooyyaalee irraa fe'amee gara giddu galeessa biyyaatti geeffamaa ture kun birrii miiliyoona 4 fi kuma dhiba 5tti kan tilmaamamu ta'uu Inispeektarichi himanii jiru.

Konkolaataan meeshaa kana fe'ee deemaa ture lakkoofsi gabatee isaa koodii 3 - 39853 Finfinnee yoo ta'u, konkolaachisaan yeroof miliquu isaatu himame.

"Bara keessa jirru kanatti meeshaa seeraan alaa qabuu keessattii poolisii Federaalaa waliin ta'uun Kotrobaandii hedduu qabuu dandeenyeerra " jedhan Inispeektarichi.

Ummanni naannawa sanaas akkuma kanaan dura gochaa ture meeshaa seeraan alaa yeroo argutti poolisiif eeruun aadaa isaa ta'uu qaba jechuun ergaa dabarsaaniiru.

Yaa’aballootti Baalli Sammuu hadoochu Kiiloogiraamni Kuma 1 Fi 200 Ol Madaalu qabamuu isaa torbee darbe keessa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015