Itiyoophiyaanonni Eeyyama Jireenyaa Malee Saawdii Turan 850 Biyyatti Deebi’an

56

Finfinnee Ebla 14/2011 Itiyoophiyaanonni eeyyama jireenyaa malee Saawd Arabiyaa turan 850 biyyatti deebi’uu Ministeerri dhimma Alaa beeksise. 

Deebitoonni kanneen torbee darbe marsaa lamaani gara Itiyoophiyaa kan deebi’an.

Marsaa jalqabaatiin lammiileen 445 Ebla 11/2011 biyyatti kan deebi’an yammuu ta’u, kan hafan 405 ammoo marsaa itti aanuun Ebla 13/2011 gara Itiyoophiyaa deebi’aniiru jechuun ministeerri dhimma alaa himee jira.  

Lammiileen kanneen fedhaan kan deebi’an yammuu ta’u, Galaana diimaa qaxxaamuranii gara Saawdii imaluu Ministeerri dhimma Alaa beeksiseera.

Lammiileen kunneen biyya isaanii yeroo galanitti daayrektarri Jeneraala qoonsilaa ministeera dhimma alaa obbo Yoohaannis Shoodetiin simannan taasifamee jira.

Gara fuuladuraattis lammiilee kanneen biroo gara biyya isaaniitti akka deebi'aniif hojjachaa jirachuu ibsee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015