Waldichi tajaajila tola ooltummsan hojii baasiin isaa birrii biliyoona 2 olitti tilmamu hojjechuuf hojjechaa jira.

68

Adoolessa 28/2014(TOI) - Waldaan dargagoota Finfinnee tajaajila tola ooltummsan ganna kana hojii baasiin isaa birrii biliyoona 2 olitti tilmamu hojjechuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Erga jalqabee waggaa 20 kan lakkoofsise tajaajilli tola ooltummaa waqtii gannaa kan bara kanaa waxabajjii 1 kan jalqabee yoo ta'u hanga Phaaqumee 5/2014tti tura jedhameera.

Pirezidaantiin Waldaa Dargagoota Finfinnee Gazaany Gabramaaram akka himanityi sagantaa hojii tola ooltummaa gannaa bara kanaan dameewwan hojii irratti hojjetamu dabaluun hojjetamaa jira.

Haga ammaatti hojii tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaa kanaan hojiin baasiin isaa birrii biliyoona 1 baasu hojjetamuus himaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa bara kana hojjetamu keessatti manneen manguddoofi harka qalleeyyii haaromsuufi barnoota gannaa barsiisuuf xiyyeeffannoon laatameera jedheera.

Adeemsa keessa kanneen hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan waan dabalaniif bara kana damee hojii tola ooltummaan hojjetamu dabaluun tola ooltota miliyoona 1 hirmaachisuun hojii tola ooltummaa baasiin isaa birrii biliyoona 2 olitti tilmaamu hojjechuuf karoorfachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015