Dooniin midhaan Yuukireen feete buufata doonii Turki geesse.

214

Adooleessa 27/2014(TOI) Sababa waraana Yuukireeniifi Ruusiyaatiin adda citee kan ture Miidhaan Yuukireen gabaa biyyoota alaa akka qaqqabu waliigaltee hoggantoonnii Ruusiyaafi Yuukireen jidduu kana taasisaniin yeroo jalqabaatiif Dooniin midhaan Yuukireen feete buufata Doonii Turki gahuu ishee Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Turki beeksiseera.

Doonittiin kaleessa Karaa galaana Boosifooresiin bulchiinsa Turkii ga’uu ishee himameera.

Akka ibsa Ministirichaatti,gareen aanga’oota Raashiyaa fi Yuukreen of keessatti hammatte imala doonittiin gara Libaanoositti taasiiftu itti fufsiisuuf har’a Turki meetiropoliitti waan feetee jirturratti qorannoo ni taasiisuun eegama.

Dooniin Raazoonii jedhamutti Boqqoolloo Toonii kuma 26 fe’uun Libaanoosii fi Tiriippoolii ni geessiin eegama jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015