Misooma jallisii Qamadii bonaaf kan oolu sanyiin filatamaa Qamadii lafa heektaara kuma 20 misoomaa jira.

13

Adoolessa 27/2014(TOI) – Misooma jallisii qamadii bonaaf kan oolu sanyiin filatamaa qamadii lafa heektaara kuma 20 ol irratti misoomaa jiraachuu Intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa beeksise.

Akkasumas sanyiin filatamaa kumtaala kuma 40 kuusaatti kuufamuu Intarpiraayizichatti dameen Baalee beeksiseera.

Itoophiyaan waggaatti Qamadii kumtaala kuma 15 hanga 23 biyya alaarra bittee galichuun baasii sharafa alaa cimaaf saaxilamti.

Kana hambisuuf haala Qamadii biyyaa keessaatti oomishuun danda’amurratti hojjechuun danda’amurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa beeksiseera.

Hoji geggeessaan Intarpiraayizichaa doktar Ashinee Boggaalee TOI waliin turtii taasisaniin, Intarpiraayiziin Sanyii filatamaa Oromiyaa erga hojii misoomaa jallisii bonaan qamadii oomishuun jalqabamee as dhiheessi sanyii filatamaa dabalee jiraachuu himaniiru.

Naannoo Oromiyaa, Affaar, Somaalee akkasuma bakkeewwan birootti hojiiwwaan misooma Qamadii kanaaf sanyii filatamaa dhiheessa jiraachuu himaniiru.

Intarpiraayizichi sanyii filatamaa oomisha Arfaasaa, Bonaafi gannaaf ooluu sanyii filatamaa baay’isaa jiraachus himaniiru.

Naannoon Oromiyaa bona dhufu lafa heektaara miliyoona 1 ol irratti jallisii bonaan Qamadii oomishuuf karoorfateera.

Kanaafis lafa heektaara kuma 20 irratti sanyiin filatamaa qamadii baay’ifamaa jiraachuu doktar Ashineen himaniiru.

Qonnaan bultoonni ooyiruu isaanirratti sanyii falatamaa kana baay’isaa jiranis kununsa gaarii taasisuufin sanyii filatamaaf akka oolu gochuu qabu jedhaniiru.

Intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaatti hoji geggeessaan damee Baalee obbo Caalaa Ababaa sanyiin qamadii jallisii bonaaf mijatoo ta’an gosti 10 qophaa’uu himaniiru.

Haaluma kanaan damee Baaleetti sanyiin filatamaa qamadii kumtaalli kuma 40 ta’u kuusaatti kuufamee jiraachuu himanii, yeroo hojii misoomsuu kun qabu qonnaan bulaa biraan ni gahama jedhameera.