Naanoo Affaaritti sagantaa hojii tola ooltummaa gannaa irratti dargaggoonni kuma 200 ol ni hirmaatu.

48

Adoolessa 27/2014(TOI) - Naanoo Affaaritti sagantaa hojii tola ooltummaa gannaa irratti dargaggoonni kuma 200 ol ni hirmaatu.Sagantaan kun guyyaa har'aa jalqabameera.

Sirna banisa sagantaa kanaarratti pirezidaantiin naannichaa obbo Awal Arbaa Af- yaa'ii mana maree naannichaa aadde Asyaa Kamaal fi hoggantoonnii mootummaa naannichaa biroon argamaniiru.

Sagantaan tola ooltummaa waqtii gannaa kun ji'a lamaaf kan turu yoo ta'u dargaggoonni tola ooltonni kuma 200 irratti kan hirmaatan ta'uu Biiroon dhimma Dargaggoota naannoo Affaar beeksiseera.

Dargaggoon tola ooltoonni kuneen hojiwwan akka qulqullina naannoo, misooma magariisaa, Egumsaa naannoo,Dhiiga arjoomuufi kanneen biroo ni hojjetu jedhameera.

Bakkeewwab waraanaan miidhamanittis tajaajila kana kan laatan ta'uu himameera.Sagataa tola ooltummaa kanaan hojiiwwan misoomaa birrii miliyoona 192 olitti tilmamaan ni hojjetamus jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015