Kaadhimamtoonni Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa miilaa Itoophiyaafi namoonni koreen hojii raawwachiiftuuf kaadhimaman ifooman.

69

Adoolessa 26/2014(TOI) - Kaadhimamtoonni Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa miilaa Itoophiyaafi namoonni koreen hojii raawwachiiftuuf kaadhimaman ifooman.

Filannoo hojii raawwachiisummaafi Pireezidaantii Federeeshinichaa Hagayya 21 Magaala Goondaritti gaggeeffamuuf kaadhimtoonni beekamaniiru.

Koree filannoo federeeshinichaa Hagayya 22fi 25 walgahii taa'een namoota filannichaaf galmaa’an adda baasuun kanneen ulaagaa guutan adda baasuun kaadhimatoota pireezidaantii 3fi koree hojii raawwachiistuu 26 ifoomseera.

Haaluma kanaan Pireezidantummaaf Oromiyaadha pireezidaantiin Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa,Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin yoo kaadhimaman, Naannoo Amaaraatii Obbo Malaakuu Faantaa, Magaalaa Dirredhawaatii ammoo Obbo Tokkichoo Alamaayyootu kaadhimame.

Koree Hojii raawwachiiftuu ammoo namoonni 26 naannooleefi bulchinsa magalootarraa yoo kaadhimaman, Oromiyaadha Obbo Kumarraa Baaqalaa, Instraktar Mokonniin Kuruufi Aadde Abarraash Taaddasaa kaadhimamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015