Walitti Dhufeenyi Amaaraa fi Oromoo Akkuma Kaleessaa Cimee Itti Fufuu Qaba--- Obbo Addisuu Araggaa

61

Ebla 14/2011 Itiyoophiyaan walabummaashee eeggattee akka biyyaatti akka dhaabbatu  taasisuu keessatti shoora olaanaa kan qaban Oromoo fi amaaraan har'as walitti dhufeenyi isaanii cimee itti fufuu akka qabu itti gaafatamaan waajjira ODP obbo Addisuu araggaa beeksisan.

Obbo Addisuun kana kan beeksisan waltajjii walitti dhufeenya Oromoo fi Amaaraa caalaatti cimsuuf yaadamee magaalaa Ambootti kaleessa qophaa'erratti waraqaa qorannoo dhiheessaniini.

Ummanni Oromoon fi Amaaraa weerara yeroo addaddaa  Itiyoophiyaarratti aggaamame ofirraa faccisuudhaan waliin kufanii biyyaattiin akka dhaabbattu taasisaniiru kan jedhan obbo Addisuun, ummattoonni lamaan waliin hojii gootummaa raawwataniiru jedhaniiru.

Ummattoonni lamaan qabsoo farra cunqursaa waliin adeemsisuudhaan biyyattii keessatti demokiraasiin akka mirkanaa'u taasisuu keessatti shoorri isaanii isa olaanaa ta'uu kan ibsan obbo Addisuun, daangaa, aadaa, dinagdee, hawaasummaatiin walitti hidhiinsa cimaa akka qaba eeraniiru.

Boqonnaan haaraan har'a irra geenye kun akka dhufu gochuu keessatti gumaachi ummattoota lamaanii isa olaanaa ta'uu itti gaatamaan kun ibsanii, qabsoo waliin taasisaniin har'a Itiyoophiyaa keessatti hidhamtoonni hiikamaniiru, kanneen biyyaa baqatan biyyatti deebi'uunsaanii, riifoormiin dinagdee taasifamuusaa, gama dippilomaasiitiin yeroo gabaabaa keessatti injifannoowwan cimmimoon argamuusaanii himaniiru.

Kanaaf boqonnaa qabsoo har'a irra ga'ame kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf walitti dhufeenyi ummattoota lamaanii caalaatti cimuu akka qabu wal quunnamtiin ummattoota jidduu jiru cimee itti fufuu akka qabu addeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015