Waggaa 15 keessatti galii Buna Itoophiyaa gabaa alaatti ergamuu gara doolaara biliyoona 4.6 ol guddisuuf karoorri tarsimaawaan baheera.

93

Adoolessa 25/2014(TOI) - Waggaa 15 keessatti galii Buna Itoophiyaa gabaa alaatti ergamuu gara doolaara biliyoona 4.6 ol guddisuuf karoorri tarsimaawaan qophaa'uun himame.

Itoophiyaan jiddugala daldala idil addunyaan kan qophaa'e sagantaa Buna dhamdhamuurratti hirmaateetti

Ambaasaaddara guutuu FDRI kan ta'an amabaasaaddar Zanabee Kabbadaa sagantaa kanarratti argamuun rakkoo oomisha buna Itoophiyaarratti mul'atu furuufi damee hojii bunaa kana guddisuuf mootummaan karoora tarsimaawaa baasuun hojjechaa akka jiru ibsa taasisaniiru.

Tarsimoon dhihoo kana baheen waggaa 15 keessatti galii Buna Itoophiyaa gabaa alaatti ergamuu gara doolaara biliyoona 4.6 ol guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tarsimoo bahe kanaan galii qonnaan bultootaa gara doolaara biliyoona 3.5tti guddisuufi carraa hojii uumuuf akka oolutti qophaa'uus himaniiru.

Bara 2033tti gaheen Itoophiyaan buna gabaa addunyaaf dhiheessuu qabduus gara miliyoona 1.26tti guddisuuf karoorfamuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015