Misoomni baala Shaayii aanaalee Godina Jimmaa 19 keessatti eegalamuu himame.

234

Adoolessa 25/2014(TOI) -Misoomni baala Shaayii aanaalee Godina Jimmaa 19 keessatti eegalamuu himame.

Naannoo Oromiyaatti Inisheetiiviiwwan misoomaa hojiirra oolaa jiran keessaa misoomni baala Shaayii tokko.

Misoomaa shaayiif ammoo godinaalee Lixa Oromiyaa biyyeefi qilleensaa mijataa waan qabaniif biqiltuu baala shaayii misoomsuun eegaleera.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Buuyyoo Qacamaa keessatti, jilli bulchaa Godina Jimmaa, Obbo Tijjaanii Naasirii fi hogganoota aanaalee hunda argamanitti dhaabbii biqiltuu baala shaayii gaggeeffameera.

Bulchaa aanaa Saqqaa Coqorsaa Obbo Miftaa Abbaa Jihaadaa aanichatti,bara kana biqiltuu baala shaayii kuma 30 ta'u dhabuufi qonnaan bulaa qofa osoo hin ta’iin dargaggoonni gurmaa’anii misoomsuu eegalaniiru jedhan.

Dargaggoonni gurmaa’anii hojii misooma biqila baala shaayi misoomsuuf eegalan mootummaan carraa akkasii nuuf keennuu isaatiin hedduu gammanneerra;jabaannee hojjannee bu'aa qabeessa ta'uuf qophii dha jedhan.

Itti gaafatamaa waajjiraa qonnaa Godina Jimmaa Obbo Eeliyaas Endriyaas, Godina Jimmaatti lafa heektaara 30 irratti misooma biqiltuu baala shaayii babal'isuu eegaleerra jedhan.

Hojiin kun haaraa waan ta'eef qonnaan bulaan deeggarsa ogeessaa qonnaatti fayyadamee akka misoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir , godinni Jimmaa qilleensaa gaarii misoomaa shaayiif osoo qabduu baldhinaan irratti hin hojjatamne ture, amma garuu xiyyeeffannaa addaa keennuun bal'inaan misoomsuuf eegallee jirra jedhan.

Bara kana biqilaa kuma 400 dhaabuuf karoorfamee hojiin dhaabbii eegalameera jedhan jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015