''Carraaqqii keenya daballee, imaanaa keenya eegnee bu’aa olaanaaf qophoofneerra''

131

Adoolessa 25/2014(TOI) - Carraaqqii keenya daballee, imaanaa keenya eegnee bu’aa olaanaaf qophoofneerra jedhan, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee.

Itti gaafatamummaan imaanaa guddaadhaa, itti gaafatamummaan kabaja, amantaas kana dabaluudha, rakkoon Uummata keenyaa yeroo kan nuuf hin kennine ta’uu beekna jedhan.

Kana dhugoomsuufis yeroo fi carraa nuuf kennametti sirnaan fayyadamuun waan tokko dabaluuf waggaatti oliif gadi jechaa turreerra jedhan.

Dambii keenya 24/7 bu’uura taasifachuun baaneerra, buuneerra, lammiilee hedduuttis abdii horreerra jedhan.

Magaalaa keenya miidhagduu fi haarawaa gochuufis Uummata keenya qindeessuun tattaaffii olaanaa taasisaa jechuun himaniiru.

Imala keenya taasisaa jirruun baay'ee daballus, kan hir'ifnee fi kan milkeessine akka jiranis ni beekna.

Qamadii keessaa ingirdaadii waan hin dhabamneef warra jabaatan gidduudhaa amantaa isaanii hir'isuun kaayyoo isaaniirra kan maqanii fi faayidaa dhuunfaa isaanii barbaacha Uummata kan mufachiisanis akka jiran argineerra.

Walumaa galatti hawwii jijjiiramaa Uummata keenyaa fi haala jireenyaa irratti baay'ee hojjechuun akka nurraa eegamu sirriitti hubanneerra.

Dhugumatti Uummanni nuti tajaajillu humna keenyaa olitti kan nu hin gaafanne, yoo hojjenne kan lapheerraa nu eebbisu, yoo misoomsinu kan nu gargaaru, yoo hir'ifnu kan nu abboomu, yoo hojiif kaanu mudhii isaa hidhatee kan nu cinaa dhaabbatu, waan madaala kaasu, haqummaan kan murteessu, kan nuuf malu kan nuuf kennu hubataa fi Uummata guddaadha.

Ammas yoo ta'e ciminaafi hanqina keenya irraa barannee, dadhabina qabnu sirreessinee, bara dhuftutti bu'aa olaanaaf qophii irratti argamna jedhan.

Imaanaa keenya kaka'umsa olaanaan milkeessuuf kana yeroo kamiyyuu caalaa gaabbiidhaan kakaneerras jedhan.

Uummata keenyarraa barachuu keenyaafi gocha keenyarraa hubachuun, wal taanee bu'aa olaanaa bira gahuu fi fayyadamummaa Uummata keenyaa mirkaneessuuf cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Ummanni keenyas kan yeroo kamiyyuu caalaa akka nu bira dhaabbatu ni amanna jedhan. Imaanaan keenya guddaa ta'us, Uummata keenya wal taasifnee, gahumsa keenya cimsachaa carraaqqii bu’aa olaanaa fiduuf taasifnu caalaatti cimsinee itti fufina jechuun karaa fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

Waaqni Itoophiyaa fi Ummata ishee haa eebbisu. Adaanach Abeebee

OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015