Ummanni Oromoo Injifannoo Siyaasaan Gonfate Dinagdeedhaan Akka Dabalu Waamichi Dhihaate

47

Ebla 14/2011 Ummanni Oromoo injifannoo gama siyaasaatiin argate gama dinagdeetiin akka dabalu Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa waamicha dhiheessan.

Waltajjii marii walitti dhufeenya ummattoota naannolee Oromoo fi Amaaraa caalaatti cimsuuf karoorfame kaleessa magaalaa Amboo galma Yuunivarsiitii Ambootti  adeemsifameera.

Waltajjii marii kanarratti hoggansi haaraan guddina Oromiyaaf maal hojjechuu akka karoorfatee  gaaffii  dhihaateef itti aanaa pirezidaantiin mootummaa naannoo oromiyaa qabxiiwwan afurirratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuu fi kana galmaan ga'uuf ummanni cinaasaanii akka dhaabatu waamicha taasisaniiru.

Haala kanaan wayita ammaa ummanni Oromoo injifannoo siyaasaa gonfachuudhaan akka biyyaatti imaanaa fudhatee siyaasa biyyattii keessatti ga'ee olaanaa gumaachaa akka jiru eeraniiru.

Haa ta'u malee injifannoo kana dinagdeedhaan deeggaruudhaan halkanii fi guyyaa hojjechuudhaan dinagdee Oromiyaa  sadarkaa olaanaatti ceesisuun akka barbaachisu kaasanii, kana milkeessuuf ammoo gaggeessaa cinaa dhaabbachuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Karaa biraa dinagdee guddisuufis ta'e nagaan ba'anii galuun murteessaa waan ta'eef iddoo hundatti nageenyi waaraan akka mirkanaa'u hundi ga'eesaa ba'uu qaba jedhaniiru obbo Shimallis.

Gama biraatiin ummanni Oromoo duudhaa isaa  ganamaa kan ta'e jaalala, hammachuu, nageenya... tti deebi'uu qaba erga jedhanii booda, kana booda namni tokkollee Oromiyaa keessaa buqqa'uu hin qabu jedhaniiru.

Akkasumas hoggansi Oromoo sadarkaa amma jiru irraa gara sadarkaa olaanaatti guddatee baha Afriikaattis ta'e addunyaa irrattillee cimee akka beekamu hojjetamuu qaba erga jedhaniiru.

Milkaa'ina hojiiwwan kanneeniif gaggeessaa kutannoo olaanaa qabaatee halkanii fi guyyaa ummaticha tajaajiluuf waan hojjetuuf ummanni Oromoo gaggeessaa cinaa dhaabbatee shoorasaa akka ba'u itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015