Itiyoophiyaa Demokiraasii Fi Haqni Keessatti Mirkanaa'e Ijaaruuf Waliin Ni Hojjenna--- Ob Shimallis Abdiisaa

58

Ambo Ebla 13/2011 Itiyoophiyaa Demokiraasii Fi  Haqni Keessatti Mirkanaa'e Ijaaruuf Waliin Ni Hojjennajechuun itti aanaan  pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kana kan ibsan walitti dhufeenya naannoo Ormomiyaa fi Amaaraa caalaatti cimsuuf waltajjii marrii magaalaa Ambootti qophaa'e haasawaan wayita bananittidha.

Tokkummaan Oromoo fi Amaaraa tokkummaa aarsaadhaan walitti hidhame waan ta'eef qilleensaan kan raafamuufii akka laafutti kan diigamu miti jedhaniiru.

"Walitti dhufeenyi naannolee  lamaaniicimuun cimina Itiyoophiyaatiif murteessaadha" kan jedhan obbo Shimallis, kun ammoocimina sabootaa fi sablammootaatiif  ga'ee guddaa qaba jedhaniiru.

Gootonni jibbiinsa hin fedhan, gadi aantummaa hin barbaadan kan jedhan itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, garuummoo mul'ata egeree qabu jedhaniiru.

"Obbolummaan ammayyummaadha,jibbiinsii fi haaloo ba'uun gocha sodaattotaati" kan jedhan obbo Shimallis,Itiyoophiyaa demokiraasii fi haqni keessatti dagaage uumuuf waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Lammiilee keenya qe'ee isaaniirraa buqqa'an qe'eesaaniitti deebisuufs ni hojjenna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015