TOI biyya keessaafi alaatti maqaa gaarii biyyaa beeksisuufi duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti odeeffanno sirrii dhiheessuu keessatti gahee guddaa qaba.

140

Adoolessa 22/2014(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa maqaa gaarii biyyaa beeksisuufi duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti odeeffannoo sirrii hawaasa biyya keessaafi alaan gahuu keessatti gahee olaanaa bahuu mana maree bakka bu'oota uummataatti koreen dhaabbi dhimma Seera, Haqaafi dimookiraasii beeksise.

Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti koreen dhaabbi dhimma seera,haqaafi dimokiraasii raawwi hojii bara 2014 fi karoora hojii bara 2015 TOI gamaggameera.

Itti aanaan walitti qaba koree dhaabbicha obbo Isaa Boruu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa ergama isaa galmaan gahuufi muli'ata kaawwate milkeessuuf hojiin ijaara dhaabbatummaafi rifoormii hojjechaa jiru jajjabeessaa ta'uu himaniiru.

TOI madda odeeffannoo dhugaafi sirrii ta'uun hubannoon hawaasa addunyaa akka kan jallate hin taanefi duula miidiyaalee alaan biyya irratti baname qolachuu keessatti gahee olaanaa baheera.

Koree dhaabbichaatti walitti qabduu Midiyaalee Aadde Abinee Alam gama isaaniin TOI hojiin bara bajataa darbee riifoormii dhaabbataa taasiseefi qabiyyee qabiyyee hojii isaa foyyeessuuf hojjete gaariidha jedhaniiru.

Dhaabbatichi hanqina qaqqabamummaa gama marsariitiifi Yuutubiin jiru fuurun bara bajataa 2015tti hojii fooyyee qabu hojjechuuf karoorfachuunis eerameera.

Galii dhaabbatichaa guddisuu, humna namaa gahoomefi ilaalchaanis misoome horachuun ergama Afrikaatti madda odeeffannoo dursaa ta'uuf kaawwate milkeessuuf hammattu seeraa qabaachuu akka qabu itti aanaan koree dhaabbi dhimma seeraa,haqaafi dimookiraasii obbo Isaa Boruu himaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa TOI obbo Seeyfaa Darribee gama isaaniin dhaabbatichi hojii rifoormii ijaarsa dhaabbachisaa cinaatti qaqqabummaa isaa biyya keessaafi alaatyi babbali'isuuf hojjechaa jira.

Hanqina Adeemsa hojii,Ittigaafatamummaa, seeraafi ijaarsa jiran sirreessuuf wixineen labsii qophaa'aa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbatichi galii yuutubiirra argatu guddisuuf meeshaalee barbaachisaan damee isaatti guutuuf ni hojjeta jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015