Naannichatti Sagantaa Ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni walakka ol dhaabameera jedhame.

82

Finfinnee, Adoolessa 22/2014(TOI)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 70 dhaabamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti bara kana biqiltuu biiliyoona 1 dhaabuuf karoorfamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Usmaan Surur eeraniiru.

Naannichatti guyyaa kaleessaa sagantaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 100 dhaabuuf gaggeeffameen biqiltuu miiliyoonni 96 dhaabbachuu kaasaniiru.

Saganticharratti kutaaleen hawaasaa miiliyoonni 3.8 hirmaachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015