Manni mare Naannoo Gaambeellaa yaa’iisaa eegale

63

Adoolessa 22/2014(TOI) - Manni Maree Mootummaa Naannoo Gaambeellaa yeroo filannoo 6ffaa bara hojii 1ffaa yaa’ii idilee 2ffaasaa har’a Magaalaa Gaambeellaatti eegaleera.

Afyaa’iin mana marichaa Aadde Banchaayyoo Dangataa haasaa baniinsaa taasisaniin, karooriwwan bulchiinsa gaariifi misoomaa naannichatti eegalaman akka milkaa’aniif tokkummaafi ciminaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Miseensonni mana marichaa malaanmaltummaafi hojmaata badaa farra misoomaa ta’anirratti qabsaa’uun imala badhaadhinaafi misooma akka biyyaatti eegalaman ciminaan hojjechuun barbaachisaadha jedhu.

Yaa’ichi guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, raawwii hojii sektaroota adda addaa gamaaggamuun, karoora bara bajata 2015rratti mari’atamee ni raggaasifama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015