Injifannichi maqaa gaarii Itoophiyaan injifattuu ta’uu kan argisiiseedha- Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudee

69

Adoolessa 21/2014 (TOI) – Injifannoon Atileetonni Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffarratti argisiisan Itoophiyaan kan ittiin beekamtu maqaa gaarii injifattuu ta’uu kan argisiiseedha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee.

Sirni simannaa fi beekkamtii garee Atileetotaa Itoophiyaaf Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti gaggeeffameeratti.

Sagantaa kanarrattis Pireezidaantiin Saahilawarqi Zawudee ergaa dabarsaniin, inifannoon atilettootaa Itoophiyaaf ifaa dukkanaa keessati jedhan.

Dorgommicharratti xiiqiin gaaraa sochoosuu akka danda’uu kan argisiisan atileetonni Itoophiyaa ‘anii haa dursu yookaan ani haa injifadhuu’ jechuu caalaa gamtaadhaan hojjechuun isaanii fakkeenyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaanonni hundi bagaa gammaddaan jechuun hawwii qaban kan ibsan Pirezidaanti Saahilawarqi, addunyaarratti meedaaliyaawwan 10 argamsiisuun injifannoon argame Itoophiyaan kan ittiin beekamtuu maqaa gaarii ijifattuu ta’uu kan argisiise ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015