Naannichaatti Sagantaan sagantaa ashaaraa magariisaan guyya tokkootti biqiltuu miliyoona 100 dhaabuu geggeeffama jira.

64

Adooleessa 21/201(TOI) - Naannoo Saboota, sablamootaafi uummatoota Kibbaatti sagantaan sagantaa ashaaraa magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 100 dhaabuu geggeeffama jira.

Sagantaa kana Ministira Qonnaa obbo Umar Huseeniifi Pirezidaantiin naannichaa obbo Ristuu Yirdawuu godina Silxee aanaa Silxiitti argamuun jalqabsiisaniiru.

Yeroo ammaa kanas aanichatti naannawwaa magaalaa Girbibaritti kan argamu qargara haroo abbaayyaa lafa heektara 20 irra biqiltuu Muuzii dhaabaa jiru.

Odeeffannoon Biiroo Qonnaa naannicharra argame akka muli'isutti sagantaa ashaaraa magariisaan waggoota sadan darban biqiltuu biliyoona 3.6 bakkeewwan adda addaa dhaabamaniiru.

Biqiltoota dhaabaman keessaas harki 86 kan qabatan yoo ta'u sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan immoo biqiltuu biliyoona 1.1 dhaabuuf karoorfamuufi karoora kana milkeessuuf hojjetamaa jiraachuus himameera.

Hojii ashaaraa magariisaa kanaan biqiltoota bosonaaf ta'an,kuduraalee adda addaa,Nyaata beelladaaf kan oolaniifi miidhagina magaalaaf kan tajaajilafii xiyyeeffannoon kennamuu himameera.

Sagataa guyyaa har'aa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 100 dhaabuuf karoorfame kanarratti uummanni bal'inaan hirmaachuus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015