Guddinni Itoophiyaan galmeesiste ce’umsa dinagdee gurmaa’inaan kan deeggarame hin turre

48

Adoolessa 20/2014(TOI) - Guddinni Itoophiyaan bara 2003 hanga 2010tti galmeesiste ce’umsa dinagdee gurmaa’inaan waan hin deeggaraneef itti fufuu akka hin dandeenye Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa dubbatan.

Mariin paanaalii 7ffaa mata duree “Waa’ee Itoophiyaa” jedhu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin qophaa’e naannoolee garagaraatti gaggeeffamaa jiru, yeroo 7ffaaf har’a Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurame.

Waltajjii kanarratti barreeffamoonni mariif dhiyaatanii kan turan yoo ta’u, yaadonniifi gaaffileen adda addaa hirmaattootarraa ka’eera.

Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa yaada waliigalaa kennaniin, jijjiramni biyyaa rakkoolee biyya keessaafi alaa hin yaadamne dandamachaa bu’aa galmeesisuu ittifufeera jedhan.

Maarii paanaalii kanarratti 7ffaa barreeffama marii kan dhiyeessan Doktar Fitsum, Itoophiyaan baroota 2003 hanga 2010tti guddina dinagdee dhibbantaa 9.5 galmeesisteetti jedhan.

Haa ta’umalee guddinni kun ce’umsa dinagdee gurmaa’inaan kan hin deeggaramne, liqiirrattiifi pirojektoota mootummaarratti kan hundaa’e waan ta’eef adeemsa keessa rakkoo uumera, itti fufinsa taasisuunis hin danda’amne jechuun ibsaniiru.

Kanarraa barachuun erga jijjiramaa asitti ce’umsa dinagdee gurmaa’inaa taasisuun hojiileen bal’inaan hojjetamuusaa himanii, ce’umsi kun yoo milkaa’e guddina ittifufinsa baay’ee fiduun akka danda’amu dubbataniiru.

Itoophiyaan baasii nyaataa wajjin wal qabatee baastuu olaanaa ta’uusaa ministirittiin himanii, ce’umsichi yoo milkaa’e kunillee hafuu akka danda’u fakkeenyaan deeggaranii ibsaniiru.

Ce’umsa dinagdee gurmaa’inaa erga hojiirra oolee jijjiramni dameelee omishtootaafi tajaajilaarratti mul’ate dinagdee ittifufiinsaa ijaaruuf abdii kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Dhuma waggaa 10tti gaheen qonnaa dhibbantaa 32 amma jirurraa gara dhibbantaa 22tti kan hir’isu ta’uu Doktar Fitsum himanii, qonni sadarkaa amma irra jirurraa sadarkaa omisha sonni itti dabalametti ni guddata jedhaniiru.

Ministir Dee’etaan Ministeera Maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaalinyi gamasaaniin, dinagdee cimaa ijaaruuf walitti hidhaminsa damee dhuunfaa cimaa ijaaruun barbaachisaadha, kanaaf ammoo hojiileen eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.

Qonnarratti mootummaan haasa’uu caalaa hojiilee qabatamaan hojjechaafi bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015