Obbo Dammaqaan Ministira dhimma alaa Ruusiyaa waliin mari'atan. - ENA Afaan Oromoo
Obbo Dammaqaan Ministira dhimma alaa Ruusiyaa waliin mari'atan.
72
Adoolessa 20/2014(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa FDR obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Ruusiyaa Sergee Raavroov Waajjira isaanitti simachuun waliin mari'ataniiru.
Haaluma kanaan haala walitti dhufeenya biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun danda'amurratti mari'ataniiru.
Walitti dhufeenyi dippilomaasii Itoophiyaa fi Ruusiyaa waggoota 124 kan lakkoofsise ta'u ragaaleen ni muli'isu.