Manni maree naannoo Amahaaraa yaa'ii idilee isaa jalqabe.

47

Adoolessa 18/2014(TOI) - Manni maree naannoo Amahaaraa yaa'ii idilee isaa marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa yaa'ii idilee 3ffaa har'a magaalaa Bahaar Daaritti geggeessuu jalqabeera.

Gabaasaan raawwii hojii bara bajataa 2014 pirezidaantii naannichaan yaa'ichaaf ni dhihaata jedhamee eeggama.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu, ijaarsa nageenyaa waaraa fi hariiroo ummatummaa naannolee olla cimsuu haalota dandeessisanirratti mari’achuun kallattii kaa’a jedhamee eegama.

Turtii guyyoota afuriitiinis, wixinee baajataa bara 2015 naannichaa dabalatee labsiiwwan fooyya’uu qabanii fi muudamoota garaagaraa ni raggaasisaan eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015