Hoggantoota Naannoo Amaaraatii dhufaniif Simannaan Taasifame

48

Ambo Ebla 12/2011 Wal tajjii obbolummaa naannoo Amaaraa fi Oromoo jidduu jiru cimsuuf kaayyeffatee qophaa'e irratti hirmaachuuf hoggantoota naannoo Amaaraatii dhufaniif simannaan taasifameera.

Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo shimallis Abdiisaa pirezidaantii Mootummaa naannoo Amaaraa Dr. Ambaachoo Mokonnonii fi hoggantoocha olaanoo naannichaa simataniiru.

Waltajjii Har'a adeemsifamu kanaaf  Itti aanaan pirezidaantiii mootummaa naannoo oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, pirezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa dr. Ambaachoo mMokonnon, Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa uumaa akkasumas hogganntoonni olaanoon naannolee fi federaalaa, abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee , qeerroo, qarree fi faannoon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015