Maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkiin moggaafame - ENA Afaan Oromoo
Maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkiin moggaafame
79
Adoolessa 14/2014 (TOI) – Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkii moggaasuu ibsame.
Hojiilee Muuziqaan jaarraa walakkaa oliif ummata birratti fudhatamaa fi dinqisiifannaa olaanaa kan argate Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraaf Paarkii moggaasuu keenyaaf gammachuun koo olaanaadha jedhan Kantibaan Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadir Jawaar.
Artiisti Alii Birraan Magaalaa Dirree Dawaatti dhalachuun Indaastirii Muuziqaa biyyattiif nama gumaacha olaanaa taasiisan ta’uu isaanii ibsaniiru.
Artiisti Alii Birraan harka Caalu Afaan Oromoon yaa weellisu malee kan weellise Oromoo qofaafi miti kan jedhan Obbo Jawaar Kadir, hojii isaaniin muuziqaan afaan addunyaa ta’uu isaa ifatti kan mul’isan ta’uu eeraniiru. FBC