Paartiin Badhaadhinaa rakkoo jijjirama qilleensaa qaxanicha mudatu furuuf biyyoota ollaatti paartilee gita isaa ta'an waaliin qindoominaan hojjeta.

86

Adoolessa 14/2014(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa rakkoo jijjirama qilleensaa qaxanicha mudatu furuuf biyyoota ollaatti paartilee gita isaa ta'an waaliin qindoominaan kan hojjetu ta'uu hoggantoonni Paartichaa himan.

Nageenyaa fi tasgabbii waaraa dhabuun qoramaa kan jiru qaxanaan gaanfa Afrikaa sababa jijjirama qilleensaan gammoojjummaan babal'achuu, hongee, balaa lolaa, weerara Awwaannisaa, bala Ibiddaafi balaawwan umamaa biroon rakkoo wal xaxaa keessa akka galuu taasiseera.

Qaxanaa kanatti sababa rakkoo umamaa kanaan waggaatti lammileen miliyoonaan lakka'aman beelaafi godaansaaf saaxilamu.

Kanaafis rakkoowwan sababa jijjiirama haala qilleensaan mudatu kana to'achuuf imaammata daangaa ce'ee hojjetu baasuun furmaata akka ta'uu kanneen damee kanarratti hojjetan ni himu.

Kuusaa madda bishaanii gaanfa Afrikaa jedhamtee kan beekamtu Itoophiyaan tarsimoo dinagdee magariisaa baafattee hojjechaa kan jirtu ta'us biyyoota ollaa waliin qindoomamee kan hojjetamu yoo ta'uu baatee balaan achii ka'u ishees mudachuun waan hin oolledha.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaafi Itti aanaan Pirezidaantii Paarticha obbo Adam Farahaan hojiin misooma magariisaa Itoophiyaan hojjettu yoo qindoomina kanneen biroo hin qabaannee qofaa isaatti rakkoo sababa jijjirama qilleensaan qaxanicha mudatuu guutuun furuu hin danda'u jedhaniiru.

Kanaaf Paartilee gita isaanii ta'an kan biyyoota ollaa waliin qindoominaan akka hojjetan himaniiru.

Hogganaan damee paartilee siyaasaafi waldaalee Siivilii paartichaa doktar Alamuu Simee gama isaaniin dhiibbaan jijjirama haala qilleensaa biyya tokko adda baasee kan miidhu miti jedhaniiru.

Itoophiyaa dhaloota egereef mijattuu taate uumuuf hojjetamaa kannjiru ta'uu himuun ta'us garuu rakkoo akka qaxanaatti jiru hundaaf kun qofti gahaa miti jedhaniiru.

Kanaafis Paartiin badhaadhinaa akka furmaataatti hojii misooma magariisaa kana biyyoota ollaa waliinis qindaa'ee hojjechaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015